fbpx

Kabajamtoota Warraa,

Tatamsainsa COVID-19 ( coronavirus) ilaalchisee tarkaanfilee harawaa fudhataa jirru isinii hiruu barbaanna. Tarkaanfleenkun barbaachisummaa wal-irraa fagaachuu hawaasaa akka qajeelfama CDC tti.

  1. Ammaa kaasee warrii hojii suphaa hojjetan ajaja hatattamaa kan appaartaamaa keessaa qofa ta’a. Haalli yeroo hatattamaa hanga ka’utti, ajaja hojii idilee waajjiratti beeksisuu ammaaf maaloo dhiisa’a
  2. Hanga isin beeksifnutti kutaan hawaasa fi bakki waloo cufaa ta’a. Bakka itti wayaa miccatan garuu hindabalatuu. Walga’iin Aeroniin qindeeffame hafeera. Dhimmi walitti dhufeenyaa kan jiraattotaan qindaa’es akka hintaane cimsinee gorsina yeroo kanatti.Namoota mana isin bira dhufan illee lakkoobsa hanqisaa jennee isin gaafanna.
  3. Yoo waa barbaaddan, maaloo n waajjiratti nuu bilbilaa ykn n email nuu godhaa as waajjira dhufuu irra. Karaa Rent Café ykn MyHome ergaa naa ergus ni dandeessu.
  4. Waajjirri ammaan tan paakeejii hinfuudhu. Paakeejiin kan amma nu bira waajjia jiruu mana keessanitti gaafa tti isinii dhufa. Maaloo warra pakeejii isinii fidan akka manatti isinii fidan, cifaa pakeejjii keessa akka isinii kaa’an ykn bakka birrotti isinii fidan beeksisaa.
  5. Maaloo yoo sakatta’amtanii dhukkuba COVID-19 qabaachuu bartan ykn nama isa qabu bira turtan ta’e Aeroniin quunnama’a.Karaa My Home:612-326-3855 bilbiluun ykn txt gochuu ykn ammo myhome@aeon.org.  email gochuu dandeessu.

Gaaffii kam iyyuu yoo qabaattan, maaloo nuu bilbila ykn text 612-326-3855 email myhome@aeon.org. godhaa.


-Bulchiinsa Aeon